ODUUSEERA FI HAQA
Trending

Oduu: Manni Murtiin Luba Balaay Mokonniin fa’a yakka sanada sobaan dolaara daddabarsuu ittiin shakkamaniin akka himataman eeyyame

Finfinnee, Caamsaa 02/2024 – Manni Murtii Sadarkaa Jalqabaa Federaalaa Dhaddacha Ramaddii Lidataa, Luba Balaay Mokonniin dabalatee namoota yakka maallaqa dolaara miiliyoona 6 ol seeraan ala herreega baankii Gamtaa Afrikaa irraa dabarsuuf yaaluun shakkaman sadi irratti himata akka banamu eeyyame. 

Gamtaan Afrikaa ibsa Roobii darbe baaseen, damee Baankii Daldalaa Itoophiyaa mooraa waajjira muummee Gamtaa Afrikaa keessa argamutti herreega baankii gamtichaa keessaa maallaqni dolaara miiliyoona 6 ol ta’u sanada sobaan baasuuf yaalamuus, “ of-eeggannoo fi tarkaanfii ariifataa hojjettoota baankichaa fi kutaa faayinaansii gamtichaan” fashalaa’uu ibseera.

Akka ibsichaan eerameetti, Ebla 15 Ajajni Dabarsa Kaffaltii maallaqa dolaara miiliyoona 6 ol damee Baankii Daldalaa Itoophiyaa mooraa waajjira muummee gamtichaa keessa argamutti nama dhuunfaa tokkoon kan dhiyaate yoo ta’u, maallaqni kunis bu’uura hojii ijaarsaa fi diriirsa sarara bishaaniif jedhamee gaafatame. 

Yakka kanaan Mana Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti Hoji-gaggeessaa Itti-aanaa Mana Lubummaa Waliigalaa kan tahan Luba Balaay Mokonniin, akkasumas Yaareed Fissahaa fi Dhaabaa Gannanaa shakkamanii har’a si’a sadaffaaf mana murtii dhiyaataniiru. 

Dhaddacha har’a ooleen, Poolisiin Federaalaa qorannoo gaggeessaa xumuramee galmeen dhimmichaa gara abbootii alangaa federaalaa Daayirektoreetii Dhimmoota Malaammaltummaa Ministeera Haqaatti dabarfamuu isaa beeksiseera. Abbaan Alangaas galmeewwan qorannoo fudhachuu mirkaneessuun, adeemsa himannaa banuuf manni murtichi guyyoota 15 akka kennuuf gaafateera.  

Kana malees, abbootiin alangaan yakki ittiin himataman kun sanada sobaa fayyadamuun Baankii Daldala Itoophiyaa gowwoomsuuf yaaluu waan tureef himannichi dhimma malaammaltummaa of keessatti qabachuu akka danda’u mana murtiif beeksisaniiru. Shakkamtoonni kunneen yakka kanaan yoo itti murtaa’e hidhaa hanga waggaa 10 akka isaan mudatu abbootiin alangaa himaniiru.

Abukaatoon himatamtootaa gama isaatin, qorannoon gaggeeffamu poolisiin kan xumurame ta’uu ibsuun yeroo dabalataa guyyoota 15 abbootiin alangaa gaafatan mormaniiru. Dabalataanis himannaan osoo hin banamiin turtii hidhaa waggaa 10 abbootiin alangaa tilmaaman mormaniiru.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Kana malees, sanadni sobaa kan dhiyaate herreega baankii dhaabbata biyya alaatti waan ta’eef dhimmi kun akkaataa labsii farra malaammaltummaa biyyattiin ilaalamu akka hin qabne abukaatonni mormaniiru. Shakkamtoonni 2ffaa fi 3ffaa dhimmicha keessatti hirmaannaa qabaachuu isaanii ilaalchisee himannaan tokkollee malee to’annoo jala turaniiru. Garuu abbootiin alangaa shakkamtoonni lamaan kun yakka jedhame kana keessatti shira xaxaa kan turan ta’uu cimsanii dubbataniiru.

Manni murtichaa falmii gama lachuu erga qoratee booda gaaffii mirga wabii garee himatamtoota irraa dhiyaate kuffisuun guyyoota 15 abbootiin alangaa gaafatan hayyameera. AS

Related Articles

Back to top button