DALDALAODUUSIYAASAUncategorized

Oduu: Itoophiyaafi Somaaliilaand ji'oota lama keessatti waliigaltee biraa ni mallatteessu jedhame

Finfinnee, Ebla 30, 2024 -Itoophiyaafi Somaaliilaand waliigaltee handaara galaanaa lammaffaa ji’oota lama keessatti kan mallatteessan ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa Somaaliilaand ibse.

Ministeerichatti ministeera kan ta’an Obbo Isaa Kaayid (PhD) waliigalteen handaara galaanaa kuni ji’oota lama keessatti kan raawwatamu ta’uu himaniiru.

Iddoolee qarqara galaanaa Itoophiyaaf kireeffamuu danda’an sadii adda baafamanii jiraachuu ministeericha wabeeffachuun DW gabaaseera.

Itoophiyaafi Somaaliilaand waliigaltee biraa ji’oota afur dura Finfinneetti mallatteesssuun ni yaadatama. Akkaataa waliigaltee kanaatiin Somaaliilaand qarqara galaanaa  20km fagaatu kan daldalaafi humna waraanaatiif oolu waggaa 50f liiziidhaan Itoophiyaadhaaf kan kireessitu yoo ta’u Itoophiyaan Somaaliilaandiif beekamtii biyyummaa kan kennitu ta’a.

Waliigalteen ji’oota lama keessatti mallattaa’a jedhame kuni isa lammaffaati. Waliigaltee kanaan dura Finfinneeti raawwatame hordofuun mariin taasifamaa turuufi koreen dhimma kan hojiirra oolchu filatamuu Issaa Kaayid himaniiru.

Haa ta’u malee, aanga’oonni Somaaliyaa waliigalteen biyyoota lamaa gidduutti raawwatame “tokkummaa Somaaliyaa diiga” jechuun cichanii mormaa turaniiru.

“Wantoonni haala gaariidhaan socho’aa turaniiru,” jechuun sababa waqtii Ramadaanaatiin walqabatee adeemsi hojiirra oolmaa qabbanaa’uu himuun amma garuu waliigaltee dhumaa ji’oota lama keessatti mallatteessuun akka danda’amu himaniiru.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

“Wantoonni hundi waliigaltee gareen lamaan taasisan irratti hundaa’a,” jechuun dhimmoonni seeraafi kanneen biroo ilaalamanis jiru jedheera.

Waliigalteen kuni yeroo mallattaa’utti Somaaliilaand akka biyyaatti beekamtii kan argattu yoo ta’u Itoophiyaan handaara galaanaa 850km ta’u ni kireeffatti jedhameera. Idooleen qarqara galaanaa dhimma kanaaf oolan sadii adda baafamuu himaniiru.

“Iddooleen filatamanii adda baafaman jiru. Itoophiyaa waliin yeroo wal qunnamnutti kam akka kireefamu ni murtaa’a,” dabalee jedheera. Haata’ malee, maqaa iddoolee adda baafamanii hin eerre.

Battala waliigalteen kuni mallattaa’utti Itoophiyaan Somaaliilaandiif beekamtii kennuu qabdis jedhan.

Waliigaltee ji’a afur dura mallaatteeffamee ture hordofuun Itoophiyaan, gamasheetiin, “waliigaltee seena-qabeessa” kanaan Itoophiyaan handaara galaanaa waggoota hedduu dura dhabde ni argatti jedhee ture.

Ministeerri faaynaansii Somaaliilaand immoo Itoophiyaan buufata doonii Barbaraa akka fayyadamtu taasisuu malee handaara galaanaa haaraa ijaaruun hin barbaachisu jchuun DW’tti himaniiru. AS

Related Articles

Back to top button