ODUUSEERA FI HAQA

Oduu: Herreega baankii Gamtaa Afrikaa keessaa maallaqni dolaara miiliyoona 6 ol sanada sobaan baasuuf yaalamuu gamtichi mirkaneesse

 Finfinnee, Caamsaa 02/2024 – Gamtaan Afrikaa damee Baankii Daldalaa Itoophiyaa mooraa waajjira muummee gamticha keessa argamutti herreega baankii gamtichaa keessaa maallaqni dolaara miiliyoona 6 ol ta’u sanada sobaan baasuuf yaalamuus, “ of-eeggannoo fi tarkaanfii ariifataa hojjettoota baankichaa fi kutaa faayinaansii gamtichaan” fashalaa’uu ibseera.

Gamtichi dhimma kana ilaalchisee ibsa jalqabaa baaseen, yaaliin akkanaa godhamuun isaa “yaaddessaadha” jedhe. Akkasumas dhimma kana “xiyyeeffannoo guddaadhaan” ilaalaa jiraachuu ibseera.

Akka ibsichaan eerameetti, Ebla 15 Ajajni Dabarsa Kaffaltii maallaqa dolaara miiliyoona 6 ol damee Baankii Daldalaa Itoophiyaa mooraa waajjira muummee gamtichaa keessa argamutti nama dhuunfaa tokkoon kan dhiyaate yoo ta’u, maallaqni kunis bu’uura hojii ijaarsaa fi diriirsa sarara bishaaniif jedhamee gaafatame. 

Taateen “saaxilamummaa” herreega baankii gamtichaa mul’ise kun Gamtaan Afrikaa tarkaanfiiwwan nageenyaa hojiirra jiran akka gamaaggamu kan taasise yoo ta’u, “nageenya herreega baankichaa eegsisuuf” Baankii Daldala Itoophiyaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjechaa jiraachuu ibse. 

Torban darbe Mana Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti Hoji-gaggeessaa Itti-aanaa Mana Lubummaa Waliigalaa kan tahan Luba Balaay Mokonniin “maallaqa dolaara miiliyoona 6 ol seeraan ala gara herreega baankii namoota sadiitti daddabarsuuf yaaluun” shakkamanii to’annoo jala ooluu isaanii ni yaadatama. 

Shakkamaan tokkoffaa Luba Balaay Mokonniin, Ebla 24 si’a lammataaf mana murtii dhiyaataniiru. Lubi Balaay kanaan dura mana murtiitti dhiyaachuun beellama guyyaa sakatta’iinsa yakkaa dabalataa torbaa poolisiif eeyyamamee ture. 

Poolisiin namoota Balaay Makonnin, Yaareed Fissahaa fi Xaabaa Ganaanaa jedhaman irratti sakatta’iinsa gaggeessuun bu’aa argame beellama lammataa irratti mana murtiif dhiyeesseera. 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Poolisiin guyyoota torban darban keessa sakatta’iinsaafi qorannoo gochaa tureen yakki “qindaa’aafi walxaxaa ta’e kan hariiroo Gamtaa Afrikaa waliin qabnu miidhuu” danda’u hojjatameera jechuun ragaalee dabalataa walitti sassaabuuf guyyoonni dabalataa 14 akka kennamu gaafateera.

Abukaatoon shakkamtootaa ragaan poolisiin dhiyeesse gahaa miti jechuun mirgi wabii akka kabajamuuf gaafataniiru. Haa ta’u malee, manni murtichaa mirga wabii gaafatame kuffisuun guyyaa sakatta’iinsaa dabalataa saddeet eeyameera. AS

Related Articles

Back to top button