ODUUSIYAASA

Oduu: Itoophiyaan murtee Gamtaan Awurooppaa lammiilee Itoophiyaaf viizaa dhorkuuf dabarse deebi’e akka ilaalu gaafatte 

Finfinnee, Caamsaa 02/2024 – Mootummaan Itoophiyaa “murtee Manni Maree Gamtaa Awurooppaa lammiilee Itoophiyaaf viizaa kennuu yeroodhaaf addaan kutuuf dabarse murteesseen rifachuu” ibse.

Mootummaan Itoophiyaa ibsa karaa imbaasii Itoophiyaa Biraaselsitti argamuun baaseen, murtoon kun kan darbe yeroo “gamni lachuu lammiileen Itoophiyaa biyyoota Awurooppaa keessatti eeyyama seera-qabeessaa dhowwaman haala nageenya isaanii eegameen gara biyya isaanitti akka deebi’an waloon hojjechaa jiranitti kan murtaa’e” ta’uu ibseera.

Wiixata darbe Manni Maree Gamtaa Awurooppaa “qaamolee seera Gamtaa Awurooppaa kan lammiilee Itoophiyaaf viizaa kennuu to’atan muraasa yeroodhaaf akka addaan citan” murtee dabarsuu ni yaadatama.

Akkaataa murtee kanaan, kana booda biyyoonni Gamtaa Awurooppaa “ragaa iyyattoonni viizaa Itoophiyaa dhiyaachuu qaban ilaalchisee ulaagaalee barbaachisan dhiisuu; viizaa seensaa dachaa kennuu; akkasumas namoota paaspoortii dippilomaasii fi tajaajilaa qabaniif kaffaltii viizaa hambisuu hin danda’an.” Yeroon adeemsa viizaas guyyoota 15 irraa gara 45ttis dheerateera.

Gamtichi murtoo kanaaf akka sababaatti kan kaa’e “haala lammiilee seeraan ala Awurooppaa keessa jiran gara biyya isaanitti deebisuuf hojjechaa jiru ilaalchisee aangawoota Itoophiyaa irraa deebii dhabuuti.“ 

Haata’u malee, Itoophiyaan murtee kana mormuun “adeemsa cimaa eenyummaa sablammootaa mirkaneessuuf adeemsifamu tilmaama keessa kan hin galchine” jetteetti. Akkasumas “tarkaanfiiwwan qabatamaa hojiirra oolmaa waliigaltee hojimaata lammiilee Itoophiyaa biyyoota Awurooppaa irraa deebisuuf hojjetamaa jiru kan gufachiisu” ta’uu ibsiteetti.

Kana malees, Gamtaan Awurooppaa “ejjennoo isaa irra deebi’ee akka ilaalu” gaafatteetti. AS 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button