ODUU

Oduu: Mariin gam-sadee marsaa 3ffaa dhimma Hidha Haaromsaa irratti Kaayirootti gaggeeffamaa ture xumurame

Finfinnee, Onkoloolessa 25/2023 – Mariin marsaa sadaffaa biyyoota sadii dhimma Hidha Haromsaa irratti Kaayirootti gaggeessaa turan xumuramuu ibsame. Ameerikaatti Ambaasaaddara Itoophiyaa fi dursaa garee Itoophiyaa kan ta’an Ambaasaaddar Silashii Baqqalaa (PhD) “mariin taasifame fooyya’insa muraasa kan irratti mul’ate” ta’uu ibsaniiru. 

Adeemsi marii biyyoota Itoophiyaa, Sudaan fi Masrii gidduu taasifamu kun kan itti fufuu ta’uu fi mariin marsaa arfaffaa baatii Muddee dhufu Finfinnee akka gaggeeffamu Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa ibsa baaseen beeksiseera. 

Mariin gam sadee Onkoloolessa 23 fi 24 Masrii, Kaayirootti gaggeeffame baatilee lamaan darban keessa qofa yeroo sadaffaaf kan gaggeeffame yoo ta’u, xiyyeeffannoo ijoo marii kanaa akkaataa guutinsa bishaanii hidhichaa irratti dambiiwwanii fi qajeelfamoota jiran irratti ta’uu ministeerichi ibsa isaatiin akeekeera.

Mariiwwan dhimma hidha haaromsaa irratti gaggeeffamaa turan waggaa lama fi baatilee shaniif erga addaan cite booda Hagayya darbe marii Kaayirootti gaggeeffameen eegalamu ni yaadatama. AS

Related Articles

Back to top button